BBC News, Afaan Oromoo - Oduu
Top stories
Obbo Taayyee Danda'aa humnoota 'farreen nageenyaa' deeggara jedhamuun himataman
Deetaa Ministeera Nageenyaa duraanii Itoophiyaa Obbo Taayyee Danda’aa humnoota ‘’farreen nageenyaati jedhaman deeggaruu, meeshaalee waraanaa seeraan alaati jedhaman qabachuun mana murtii olaanaa federaalaa ramaddii Araadaa dhaddacha yakkoota heerafi sirna heera ilaalutti himataman.
Xaaliyaaniin baqattoota Itoophiyaaf hangam mijattuudha?
Lammiilen Itoophiyaa heddu gammoojjii heddu qaxxaamuranii, beelafi dheebuu, roobafi aduu, danda’anii guyyaa kaan ammoo du’aan waldhaansoo qabanii kan carrooman du’arraa hafanii biyyoota Awurooppaa gahu.
Evartan 2 Liivarpuul 0: Kilop dhiifama jedhe, Varjil Van Daayik gareesaa shakke
Evartan dirreesaa Gudisan Paarkitti kilaba waancaaf wal'aansootti jiru- Liivarpuul mo'achuun dhiphuu fi dhiibbaa jala jiru obbaafate.
Bidiruu tibbana Jibutiitti dhidhmtee lammilee Itoophiyaa du'an keessaa namni lubbuun hafe waan jedhu
Lammiileen Itoophiyaa 77 ta’an jireenyi godaansaaSaawudiifi Yamaniitti dabarsaniin nufan gara Itoophiyaa maatiisaaniitti deebii’uuf murteessan. Murteessaanii kanas dallaalaatti himanii Ebla 22, 2024 galgala bidiruu gara Jibuutiitti ceeesiiftuu qophii ta’u itti himan.
Meeshaaleen waraanaa kami fa'ituu Yukireeniif dhiyaate? Maaliif hir'inni mudate?
Waraanni Raashiyaafi Yukireen biyyoota addunyaa adda qoodee erga eegalee amma bubbuuleera. Kanaanis biyyoonni lixaa Yukireeniif deeggarsa meeshaalee waraanaa adda addaa taasisuudhaan bira yoo dhaabbatan, Raashiyaa ammoo dhorkaawwan garaa garaa irra kaa’un diinagdeen dadhabsiisuuf yaalaa turan.
UStti konkolaataa ibiddi itti qabate keessaa lubbuu namaa kan oolche dargaggoo Kadir Tolaa leellifame
Kadir Tolaafi namoonni heddu daandii guddicha Seenti Paawul, Minesootaa keessatti argamu gubbaa konkolaatan osoo deemanuu konkolaataa daandii qarqaratti balaan mudatee boba'aa jirutti bahan.
KALLATTIIN, US dhoksaadhaan miisaa'eloota fageenyatti furgugfamu Yukireeniif kennite
Misaa'eloonni baatii kana keessa Yukireeniif kennaman qiyyeeffannaawwan Raashiyaa Kirimiiyaa keessaa haleelluuf itti dhimma bahamuu miidiyaaleen Ameerikaa himan.
Lubni Balaay gowwoomsaa namaatiin bakka itti to'ataman deemuu mana murtiitti himan
Sanada sobaatiin Doolara Ameerikaa miliyoona jaha ol baankiirraa baasuuf yaalun kan himataman Luba Balaay Mokonnin, bakkicha ‘ namoonni na gowwoomsaniitu na geessan’’ jechuun mana murtiitti himuusaanii abukaatoon isaanii Tuulii Baayyisaa BBCtti himan.
Finfinneetti dhagaafi biyyoon ijaarsaa jijjigee daa'ima waggaa afur dabalatee namoonni torba du'an
Magaala Finfinneetti dhagaafi biyyoon ijaarsaaf jedhamee tuulame jijjigee namoonni torba du'an. Balaan kun kan mudate magaala Finfinnee, Kutaa Magaala Addis, Aanaa 12 bakka addaa Xarroo jedhamutti har'a, Ebla 16, mudate.
Poolisiin miseensasaa uffata dambii uffatee waltajjii ayyaana Ortodoksii irratti ba’uun dhukaase to’achuu hime
Poolisiin Federralaa miseensasaa guyyaa ayyaanaa amantaa Kiristaanaa warra Ortodoksii kabajamaa ture tokkorratti waltajjiitti ol ba’ee kilaashii bobaa jalaa baafatee samiitti ol qabuun walwalirratti dhukaase tokko, gocha namuusa poolisiin ala ta'e raawwateera jechuun to'annoo jala oolchuu hime.
Somaaliyaa waliin waliigaltee waraanaa kan mallatteessite Tarkiin doonii waraanaashee Moqadishootti ergite
Somaaliyaa fi Tarkiin nageenya humna galaanaa irratti qindoominaan waliin hojjechuuf waliigaltee tibbana mallatteessan hojiirra oolchuu akka eegalan ibsan.
Ittaanaan Ministira Ittisaa Raashiyaa matta'aa fudhachuun to’atame
Ittaanaan Ministira Raayyaa Ittisa Raashiyaa mattayyaa fudhataniiru jedhamuunto’annaa jala oolfamuu qaamni qorattoota biyyattii beeksiise.
Walitti bu'iinsa
Maaltu haasa'ama?
Addunyaa irratti hallayyaan baayyeen gandoota guutuu liqimsaa jiru
Yeroo ammaa kanatti jijjirama qilleensaa addunyaa mudataa jiruun wal qabatee balaawwan umamaa gosa hedduun mudataa jiru. Isaan keessaa tokkoofi haalaan yaaddeesaa kan ta'e waa'ee laftii baqaquutti. Rakkoon laftii baqaquu kunis Itoophiyaa dabalatee biyyota addaa addaa keessatti mutadaa jira. Kanneen asiin gadii miidhamtoota balaa kanaa dubbiiseedhaa dubbiifadhaa.
Sagalee, Oduu BBC Afaan Oromoo
20:49 EAT - 21:04 EAT
Abboomaa Mitikkuu: 'Bakka inni jirutti nama Mallas Zeenaawwii dubbachuu hin dandeenye ture'
Gaggeessitoota Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) 10 gammoojjii Somaaliyaa bakka Shinniggaa jedhamutti "amantiin adda hin baanu nu martuu Oromoodha" jedhanii ajjefamaniifi boolla Shinniggaatii olitti warra maqaasaanii seenan kaasu keessaa tokko Abboomaa Mitikkuudha. Seenaan 'Abbaa Xiiqii' maal fakkaata?
Viidiyoo, Kadir Tolaa: dhalataa Itoophiyaa kaan waliin konkolaachisaa balaa ibiddaa hamaarraa lubbuu oolcheTurtii, 3,05
Viidiyoo kun daandii guddicha US Miiniisootaa irratti yeroo namoonni maanguddoo ibiddi konkolaataasaatti qabate lubbuu oolchuuf yaalii taasisaniidha. isaan keessaa tokko dhalataa Itoophiyaa Kadiir Tolaa yoo ta'u taatee sana ilaalchisuun akkasiin BBC Afaan Oromootti dubbate.
'Raayyaan miidiyaa' Paartii Badhaadhinaa oduu sobaa fi odeeffannoo dogongorsu facaasuurratti hirmaachuu qorannoon BBC saaxile
Miseensonni Paartii Badhaadhinaa keessumaa damee waajjira magaalaa Finfinnee jalatti socho’aniifi ''raayyaa miidiyaa’’ jedhamuun waamaman namoota mootummaa qeeqaniifi morman irratti gama Fesbuukiin barreeffamootaafi fakkiiwwan odeeffannoo sobaa akkasumas ‘haasaa jibbinsaa’ jedhamuu danda’an tamsaasuu keessatti akka hirmaatan qorannoon BBC’n taasise mirkaneesse.
Lubni Balaay tibbana maaltu harkatti argamee to'ataman, maallaqni jedhame kan eenyuuti?
Sanada Sobaa fayyadamuudhaan doolaara miliyoona ja’aa fi kuma 50 daddabarsaa turan jechuun shakkamanii Kamisa Ebla 18, 2024 mana murtii kan dhiyyeeffaman hoggannis mana amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa, Luba Balaay Mokonnin wantoota too’atamuu isaaniin duuba jiran BBC’n mana amantichaa irraa iyyaafateera.
Keeniyaan Itoophiyaa fi Somaaliyaaf wixinee waliigaltee fayyadama handaara galanaa dhiyeessite
Muddama Itiyoophiyaafi Somaaliyaa gidduu jiru tasgabbeessuuf Keeniyaan yaada waliigaltee fayyadama handaara galaanaa(Maritime treaty) dhiyeessuu qondaalli olaanoo biyyatti Kamisa kaleessaa Rooyitarsitti himan.
Barattoota maallaqa Baankii Daldalaa baafatanii deebiisuuf rakkataa jiran
Barattoonni Yunivastiiwwan kanneen maallaqa baasanii kaayyoowwan garaagaraatiif oolchaniifi kanneen baankiiwwan gara biraatti dabarsan rakkoo keessa seenuu BBCtti himan.
Obboleessi Battee 'yaada kennaa jira' malee warra shakkaman 13 keessaa miti jedhe poolisiin
Ajjeechaa Obbo Battee Urgeessaa wajjin walqabatee shakkamtoota 13 to'annoo jala oolfamanitti dabalataan obbolaan Obbo Battee ''yaada kennuuf isaan bira jiraachuu'' poolisiin beeksise.
Waraana Sudaan: Daarfuuritti daa'imman beelaafi du'a gidduu jiru
Dubartiin ijjishee gaddaan guuteefi sagaleenshee qallate kun namoota miiliyoonaan lakkaa'aman sababa waraana Sudaaniin qe'eesaanirraa buqqa'anii kaampiiwwan keessa jiran keessaa tokko.
Somaaliyaan ambaasaaddarri Itoophiyaa akka bahan ajajje, ambaasaaddara ofii waamte
Somaaliyaan Somaaliyaatti ambaasaaddarri Itoophiyaa, Muktaar Mohaammad Waaree, sa’aatii 72 keessatti biyyattii keessaa akka bahan ajajje.
Ispoortii
Gimereej gara Arsenaal, Silvaa gara Baarseloonaa jedhan dabalatee jijjiirraa odeeffamaa jiran
Arsenaal fi Maanchester Siitiin taphataa sarara gidduu Niwukasil Biruunoo Gimereej fudhacuuf kajeelaa jiru. Kilaboonni Ingiliz kunneen taphataa lammii Biraazil umuriin isaa waggaa 26 ta'e kaa ganna dhuftu kanatti fudhachuudhaaf gaafachaa jiraachuu Telegraaf gabaaseera.
'Ten Haagiif dhumateera, wanti boodatti deebi'uu danda'u hin jiru'-Kiriis Satan
Bara 1995tti kilaba Bilaakbaarn waliin Piriimiyeer Liigii kan injifateefi amma kubbaa miilaa kan xiinxalu Kiriis Satan hireen leejisaa Erik ten Haag Old Tiraafoord turuuf qabu ''dhumateera'' jedhe.
Maanchistar Yunaayitid haala 'qaanessaa' jedhameen xumura FA Cup'f darbe
Dilbata darbe dorgommii xumura FA Cupf darbuuf Maanchistar Yunaaytiidiifi kilaba Shaampiyoonshiippii keessa jiru Kooventarii gidduutti godhame qeeqa Yunaayitid irratti ka'aa ture ittuu hammeesse.
Pirimerliigii torban kanaan Arsenaaliifi Liivarpuul bayyanatuu laata?
Pirmerliigii torban kanaan har'a taphoota saditu gaggeeffama. Bori ammoo taphoota Afur. Waancaa Pirimerliigii fudhachuuf kan dorgommiitti jiran Arsenaalifi Liivarpuul morkii cimaatu isaan eeggata.
Atileeti Tigist Asaffaa Maaraatoonii Landaniin riikardii haaraa galmeessuuf kaayyeeffachuu himte
Atileetiin Itoophiyaa Tigist Asaffaa Maaraatoonni Landana Dilbata boruu gaggeeffamu irratti injifachuuf qophii ta'u BBCtti himte. Tigisti shamarreeen umuriin wagaa 27, erga Fulbaana darbee keessa Maaraatoonii Barliin sa'aatii 2:11:53tti xumurteen booda riikardiin maaraatoon dubartoota addhunyaa ishee harka jira.
Arsenaal fi Maan Siitiin Shaampiyoons Liigii keessaa galan, maaltu jedhamaa jira?
Kilqaboonni Ingilaand jajjaboo lamaan Piriimer Liigii keessatti duraafi duubaan sadarkaa tokkooffaafi lamaffaarra jiran Maanchester Siitiin fi Arsenaal Shaampiyoons Liigii Awurooppaa keessaa ari'aman.
Baarseloonaan morkii taphattoota kudhaniin leenjisaa lama kaardii diimaan dhabee mo'ame komate
Tapha nuusa walakkaa lama halkan taphatameen kilaboonni Ispeen lama-Baarseloonaafi Atileetikoo Maadiriid keessaa galaniiru. Baarseloonaa dirree ofiisaarratti kilaba Faransaay guddicha PSGn mo’amee kufeera.
Atileetonni Itoophiyaa fi Keeniyaa ta'e jedhanii lammiin Chaayinaa akka mo'atu gochuun himataman
Atileetiin Itoophiyaa tokkoofi atileetonni Keeniyaa lama atileetii Chaayinaa dorgommii maaraatoonii walakkaa Beejiing akka mo'atu ta'e jedhanii gadhiisaniif jedhamuun qorannoon irratti gaggeefamuu eegale.
Arsenaaliifi Liivarpuul 'arkiteektoota kufaatii mataa ofii bocaniidha'
Barruuwwan Ingilaand mata dureewwan ''Guyyaa hireen waancaa kallattii tti jijjiirrate'', ''Morkattootni Siitiif hiree bal'isan'', ''Arsenaaliifi Liivarpuul Siitiif kennaa waancaa dhaaman'' jedhaniifi kana fakkaatan qabatanii bahan.
Arsenaal Aston Viilaa mo’atee Liigicha dursuu itti fufaa?
Kilaboota Piriimer Liigii kokkee walqabaa jiran sadan keessaa dhum-torbee kanarra Arsenaal tapha cimaatu eeggata. Kilabiin Mikeel Arteettaa kun Aston Viillaa gara Emiretis dhufu mo’atee Liigicha dursuu isaa itti fufamoo carraasaa lamaffaafi sadaffaarra kan jiran Liiverpuul fi Maanchester Siitiif dabarsee kenna?
Liivarpuul dirreessaatti 3-0n mo'ame, Yirooppaa Liig keessaa galuusaatii?
Waancaa Yirooppaa Liig ni nyaata jedhamee kan abdatame Liivarpuul dirreessaa Aniifilditti kilaba Xaaliyaan Atilaantaan 3-0n ijifatame.
Kiloop bakka bu'uun Liiverpuul leenjisa kan jedhamu Amoriim eenyu?
Leenjisaan Liivarpuul Yargan Kiloop turtiisaa waggoota sagalii waancaan faayametti nagaa dhaammachuuf torbanoota lakkaa'aa wayita jirutti, gareensaa leenjisaa isa bakka bu'u barbaaduutti ko'oommateera.